Type Here to Get Search Results !

Dargaggeessa tokkotu ture. Fuudhee akkuma waliin jireenya eegalaniin, jireenyi baay'ee itti ulfaate. Kanaaf...


Dargaggeessa tokkotu ture. Fuudhee akkuma waliin jireenya eegalaniin, jireenyi baay'ee itti ulfaate. Kanaaf sababni, duwwummaa golasaanii ture. Furmaata barbaaduuf mana gadhiisee deemuun dirqama itti ta'e. Manaafi haadha warraasaa gatee, bakka biraa deemee hojii humnaa hojjetee waa qabatee dhufuuf deeme. Waggaan tokko yeroo dhumu galuuf jedhe, garuu homaayyuu walitti qabatee hinjiru. Galmasaa bara itti aanutti qabate. Bara sanas hinmilkoofne. "Har'a...bor...waggaa har'aa...bara dhufu...." osoo jedhuu waggaa 15 mana irraa fagaatee ture.

Maallaqni inni walitti qabatee jiru qarshiii 3000 qofaadha. Amma galuun hin oolumaaf, kanuma qabatee galuuf qajeele. Namoota muraasa ta'anii osoo daandii dheeraa deemaa jiranii, jaarsa tokkotti dhufani. Haasawaa keessa, dargageessichi haala keessa ture itti haasahuu hindhiifne. Kanaan wal qabsiisee jaarsichi waan tokko jedheenii. "Qarshii qabattee jirtu kana naaf kenni, animmoo gorsan si gorsa. Gorsi ani si gorsu kun, furtuu jireenyakee ta'a" jedheen. Akka godhu dhabe. Kan qabuu kanuma, kanuma kennuuf jira. Kennes! Jaarsis, qarshii 3000 kanaan gorsa sadii kenneef. "1. Dhiyoo jettee karaa qaxxaamuraa hindeemiin. 2. Waan si hin ilaallanne keessa hinseeniin. 3. Ariifattee murtoo hinkenniin" kan jedhu ture.

Dargageessichi gorsa isaa fudhatee harka duwwaa isaa yommuu qajeelu, warreen kaan gorsicha tuffachuun itti qoosaa turani. Akkanumaan osoo deemanii, bakka wayii gahani. Karaa bosona tokko keessa nama baasu deemuuf yeroo qajeelan, dargageessichi gorsa jaarsaa yaadatee deebi'e. "Dhiyoo jettee karaa qaxxaamuraa hindeemiin!" jedheera jaarsi. Kanaaf warreen kaan dhiisee karaa biraa qabate. Osooma deemuu, karaatti itti dhiyee mana namaatti gore, buluuf. Osoon turiin oduu tokkootu gurra isa bu'e. Saamtonni jarreen bosona keessa bahuuf deeman sana saamanii boodarra akka isaanuu ajeessan, oduu gaddaa dhagahe. Gorsa jaarsaattis baay'ee gammade.

Mooraa mana bulee sana keessatti awwala arge, dargaggeessichi. Maal akka ta'e gaafata. Abbaan manaa akkana jedha; "Mannikoo karaarra waan ta'eef, namoonni goranii bulu. Yeroo kana haati manaakoo maaliif akka akkas fokkiftu na gaafatu. Yeroo kana, ani aareen isaan ajjeessa. Ajjeeseen isaan awwaala. Kun awwaala isaaniiti. Ati akkana naan jechuu dhabuukeetiin badhaasa qabda" jedheenii qarshii 10,000 badhaase. Yeroo kana dargageessichi naasuu guddaa keessa taa'ee waa tokko yaadate. "Waan sin galchine keessa hingaliin" jedhee ture jaarsi. 

Guyyaa itti aanu gara mana isaa duraa, gara haadha manaa isaa deemuuf imala eegale. Halkan keessaa sa'aa 6tti gahe. Raftee jirti. Hirriba keessaa hinkaasu jechuun, suuta jedhee harka loofatee banatee olseene. Ajaa'iba arge. Haati warraasaa dargaggeessota lama jidduu rafaa jirti. Aaree waraanuuf jedhee, gorsa jaarsaa yaadate. "Ariifattee hinmurteessiin!" kan jedhutu isa dhorke. Aariima guddaa keessatti of qabeetu, gadi bahee galbii bule. Ganama haati warraasaa yeroo kaatu, isa argitee naatee boo'uu eegalte. Itti marmitees akkana jetteen; "Baga nagaan naaf dhufte. Anis waggaa hedduuf obsaan si eegaan ture. Yeroo ati deemte kan garaatti na hafanii turan, kunoo amma dargaggoota ta'anii si eegani." Jarri isheen jidduu raftu ijoolleemasaa turani. Galgala badii gochuu dhiisuusaaf baay'ee galateeffate. Gorsa jaarsaan akkasitti nama ta'e. Jireenya gammachuus maatiisaa waliin jiraachuu eegale. Qarshii 3000'n waan qarshiin hinbitne argate.

#Share gochuu hin dagatinaa Galatoomaa ❤

              Horaa Bulaa!

Post a Comment

0 Comments
* Please Don't Spam Here. All the Comments are Reviewed by Admin.