Type Here to Get Search Results !

Jaalala | Amalaan Bitame!

 Jaalala | Amalaan Bitame!


━━━━❍✰ ✰❍━━━

Guyyaa tokko intalli tokko bultii ishee irraa abdii kutattee abba

warraa ishee ajjeesuu barbaaddee halkan otuu yaaddu bulte barii isaa akkamitti akka namni tokko otuu ishii irratti hin beekin ajjeesuu dandeessu fala barbaacha gara harmee ishee deemte, harmee ishee bira deemtee marii jalqabde, haati ishees "Otuu namni tokko sirratti hin beekin Karaa itti ajjeesuu dandeessu sittan hima garuu atis dursa wanta

gochuu qabdutu jira..."


 #1ffaa: Jalqaba abbaa manaa kee waliin araaramuu qabda. sababni isaas otuu dubbiin isin gidduu hin jiraatin yoo du'e namni situ ajjeese jedhe si shakka.


 #2ffaa: of qulqulleessite abbaa manaa keetti miidhagduu bareedduu taatee argamuu qabda.


#3ffaa: kunuunsa gaarii godhiifi kabaja kenniif waan ati isatti yaadde akka si hin shakkineef.


#4ffaa: Obsiitii taa'i jaalala kennii fi hinaaffaa/ waanyoo kee hir'isi waan inni dubbatu gurra kenniifi dhaggeeffadhu!


Qabxiiwwan 4n kana hojiirra oolchi jettee haati intala ishee kana gorsite.

Intallis "rakkoo hin qabu harmee isa akkan itti ajjeesuu

danda'u qofa haa ta'u malee" jette intalli. 

Haatis "yoo akkas ta'e maal akka gochuu dandeessu sittan hima sirriitti na dhaggeeffadhu!" jette haati. intallis sirriti hordofuu eegalte haati "summii kana nyaata

isaa keessa guyyaa guyyaadhan xixiqqeessi kaa'i suuta suutan dadhabsiisee ajjeesa" jettee haati summii kana intala isheef kennite.


Intallis gammadaa summii kana fudhattee gara mana isheetti qajeelte akkuma haati ishee gorsitetti qabxiiwwan 4n kana hojjechaa summicha nyaatatti makuun abbaa manaa isheef kennuu jalqabde baatii booda bo'aa gara haadha ishee dhuftee, 


 "Harmee amma abbaa

manaa koo ajjeesuu hin fedhu baay'ee jijjiiramee jira anillee jaalalli isaaf qabu guyyuma guyyaan dabalamaa dhufe maaloo harmee koo summiin suni akka inni abbaa manaa koo na duraa hin ajjeefne maal

gochuun qaba....? 


Isa malee jiraachuu hin danda'u" jettee intalli kun boo'uu itti fufte haatis: 


"mucaa koo hin boo'in kan ani siif kenne summii miti sukkaara tumamaa dha garuu summiin qabxiiwwan 4n ani siif kenne sanadha isatu suuta suuta abbaa manaa kee ajjeese.


Agartee mitii jaalalaa fi kunuunsa yeroo ati kennituufi akkamitti akka inni nama gaarii ta'e. Kanaaf intala koo kana irraa baradhuuti haadha manaa gaarii ta'iifi" jettee haati intala isheef dhaamte!!!


#Share gochuu hin dagatinaa

T.me/Lalisa_T_Ayana join more 

Post a Comment

0 Comments
* Please Don't Spam Here. All the Comments are Reviewed by Admin.