Type Here to Get Search Results !

Gadi bu'iinoo waan tokkoo, si hin nyaadhuu maaltu fide?" jette qamaleen

 "Gadi bu'iinoo waan tokkoo, si hin nyaadhuu maaltu fide?" jette qamaleen.🐒

Bineensotatu waliin jiraachaa turan jedhama. Hundumtuu qabeenya mataasaanii qabu. Leenci sangaa tokko qaba. Gafarsi🦏 horii dhaltii (goromtii) qaba.Waraabessi harree dullattii tokko qaba. Jeedalli handaaqqoo tokko qabdi. Bineensonni warri kaanis qabeenya addaa addaa qabu. 

🎋Utuma waliin jiraatanii goromtiin Gafarsaa sun rimoofte. Rimaa'uushee bineensonni hundumtuu beeku. Yeroonis ga'ee gaaftokko halkan goromtiin rimoofte sun jabbii dhaltee bulte. 


Bineensonni ganama hirribaa yoo dammaqan jabbiin dhalatteetti. Gafarsi ililchuu jalqabe. "Ililiiiil...goromtiin koo jabbii dhalte, naaf gammadaa..." jedhe. Waca kana keessa leenci hirribarraa dammaqee gadi bahe. Yoo gadi bahu jabbii dhalattee burraaqaa jirtu arge. Jabbii bareedduu kana kan koo godhachuun qaba jedhee yaade. Innis ililchuu jalqabe. "Ililiiil...sangaan koo jabbii dhale, naaf gammadaa..." jedhe. 

~

Dubbiin bineensotatti bitaa gale. Falmiin guddaan leencaafi gafarsa gidduutti uumame. 


Gafarsi sagaleesaa ol fuudhee, "Jabbiin kan kooti, goromtii kootu dhale" jedhee iyyinaan, leencichi qeensasaa mutaa fakkaatu sanaan 0mataa keessa gad dhahee afaan qabachiise. Bineensonni kaan na'anii lafa ilaalan. Leencichi itti fufee akkas jedhe. "Dhimmi keenya bakka bineensonni hundumtuu wal gahanitti haa ilaalamu" jedhe. "Warri jabbiin kun kan leencaati jedhanis, warri jabbiin kun gafarsaati jedhanis dabareedhaan harka haa baasan. Abbaan harka caalu argate jabbii kana fudhata" jedhe. Bineensonni hunduu boritti akka wal gahaniif ajaja dabarse. Warra isaaf harka hin baasne waan godhu beeka innuu...

~

Bor sa'atii jedhametti bineensonni hunduu walgahanii, qamaleen qofti boodatti hafte. Hanga qamaleen dhuftutti jedhanii yeroo dheeraa eegan. 


Qamaleen daftee dhufuu didde. Leenci aariidhaan iji diimate. Qamaleerratti tarkaanfii guddaan fudhatamuu qaba jedhe. Utuma tarkaanfii qamaleerratti fudhatamuu qabu mari'atanii qamaleen dhufte. Leencichis ija babaasee, "Eessa ooltee reefuu dhufta?" jedhe. Qamaleenis, "Lafatu baqaqnaanin hodhaa oole" jette. "Lafti baqaqee hodhamee beekaa? jedhe leencichi ija babaasaa bakka taa'uu ka'ee. "Sangaan rimaa'ee dhalee beekaa?" jette qamaleenis deebistee. Leencichi aariidhaan lubbuushee baasuuf itti utaale. 


Qamaleenis utaaltee fiixee mukaa yaabde. Leencichi ol ilaalee, hiixatee fixee mukaa gubbaa qamalee bira gahuu akka hin dandeenye yommuu baru, "Qamuu, anoo si hin nyaadhuu gadi bu'i" jedhe. Qamaleenis, "Gadi bu'iinoo waan tokkoo, si hin nyaadhuummoo maaltu fide?" jettee diddee  fiixee mukaarratti hafte! 

~

Akkasittiin dhugaan gafarsaa mul'atee, leenci qaana'e. Dhugaa qabaadhu malee dhugaan kee dhokatee hin hafu! Warra dhugaa qabaniif guyyaan ni dhufa!


Lalisa T Ayana  join more 

Post a Comment

0 Comments
* Please Don't Spam Here. All the Comments are Reviewed by Admin.